Gatiiwwan Galchuu

Calc deetaa fi gatiiwwan gara man'eelee baay'eetti galchuu salphisuu danda'a.

Gatiiwwan Hangii Man'eewwaniitti Hujeekaan Galchuuf

Yeroo garee deetaa harkaan galchitu amaloota si gargaaran lamatu jiru.

Tarreewwan Haaraaf Bal'ina Baruu

Tarree jala tarree irraantoo keessatti, man'ee tokkoo gara itti aanutti socho'uuf furtuu Tab fayyadamuu dandeessa. Erga gatii man'ee dhumaatti tarree ammee keessatti galchitee booda, Enter dhiibi. Calc qaree jala man'ee jalqabaa kan garee ammee keessa qubachiisa.

bal'ina baruu

Tarree 3 keessatti, man'ee B3 gara C3,D3, fi E3 socho'uuf, Tab tuqi. Achiin gara B4 socho'uuf Enter dhiibi.

Filannoo Bal'inaa

Bal'ina bakka gatiiwwan naquuf barbaaddufilachuuf harkisii-kaayi fayyadami. Garuu harkisuu man'ee bal'inaa isa dhumaa irraa jalqabiitii qabduu hantuutee yeroo man'ee isa jalqabaa filatte gad dhiisi. Amma gatiiwwan galchuu jalqabuu dandeessa. Gara man'ee ittaanuu deemuuf hoggayyuu furtuu Tab tuqi. Bal'ina filatame keessaa hin baatu.

filannoo bal'inaa

Bal'ina E7 hanga B3 filadhu.Amma B3 n naqa kee eeggata.Bal'ina filatame keessatti gara man'ee itti aanuutti socho'uuf Tab dhiibi.

Gatiiwwan Hangii Man'eeleetti Hujeekaan Galchuuf

See Maadheelee wal cinaa irratti hundaa'uudhaan deetaa ufmaan guutuu.