Handaarawwan maadhee keessatti fayyadamaan qindaa'an
Gosa sararoota addaa addaa man'eelee filatamanitti raawwachuu ni dandeessa.
-
Maadhee yookiin garee maadhee filadhu.
-
fili.
-
Qaaqa keessatti, caancala Handaarawwan cuqaasi.
-
Dirqaalaalee handaaraa raawwachuuf barbaaddu filiitii TOLE cuqaasi.
Dirqaalaaleen bal'ina sirreessa sararaa keessaa haalata handaaraa baay'ee raawwachuu danda'u.
Filannoo man'eelee
Filannoo man'eelee irratti hundaa'uudhaan, bal'inni adda adda ta'a.
Filannoo |
Bal'ina sirreessa sararaa |
Man'ee tokko |
|
Maadheelee sarjaa keessaa |
|
Maadheelee tarree keessaa |
|
Madheelee garee 2x2 yookiin ol |
Handaarawwan filannoowwan baay'eef raawwachuu hin dandeessu.
Qindaa'inoota Durtii
Handaarawwan baay'ee qindeessuuf yookiin lamuu qindeessuuf sajoowwan Durtii keessaa tokko cuqaasi.
-
Sararootni dalachi qal'oon sajoo keessaa handaarawwan kan qindaa'an yookiin qulqullaa'an agarsiisu.
-
Sararootni dukkanaa'oon sajoo keessaa sararoota kan haalataa fi halluu filatamanitti fayyadamuudhaan qindaa'an yookiin qulqullaa'an garsiisu.
-
Sararootni daalachi furdoon sajoo keessaa sararoota hin jijjiiramne garsiisu.
Fakkeenyota
Garee man'ee hanga 8x8 filadhu, achiin Dhangii - Man'eelee - Handaarawwan fili.
-
Sararoota hundaa qulqulleessuuf sajoo bitaa cuqaasi.Kun handaarawwan alaa hunda,sararoota keessaa hunda, akkasumas sararoota shaffaxaa hunda balleessa.
-
Handaara alaa qindeessuu fi sararoota biroo hunda balleessuuf bitaa irraa sajoo isa lammaffaa cuqaasi.
-
Handaara alaa qindeessuuf mirga dhuma irraa sajoo cuqaasi.Sararoota shaffaxaa, kan balleeffaman, malee sararootni keessaa hin jijjiiraman.
Amma sararoota kam akka sajoowwan biroo qindeessan yookiin balleessan itti fuftee arguu dandeessa.
Qindaa'inoota Fayyadamaan Ibsaman
Bal'ina Fayyadamaan qindaa'e keessatti,sararootaa dhuunfaa qindeessuuf yookiin balleessuuf cuqaasuu dandeessa.
Haala adda addaa sadii keessa walitti ceesisuuf deddeebisiitii qarree yookiin xiyyoo cuqaasi.
Gosoota sararaa |
Fakkii |
Hiikoo |
Sarara gurraacha |
Sararri gurraachi gita sarara man'eelee filatamanii qindeessa.Sararri akka sarara tuqaatti yeroo haalata sararaa 0.05 pt filattu mul'ata.Sararootni dachaan kan mul'atan yeroo haalata dachaa filattu dha. |
|
Sarara daalacha |
Sararri daalachi kan mul'atu yeroo gitni sarara man'eelee filatamanii hin jijjiiramne dha.Iddoo kanatti sararri homtuu hin qindaa'u yookiin balleeffamu. |
|
Sarara adii |
Sararri adiin kan mul'atu yeroo gitni sarara maadheelee filatamaii balleeffamani dha. |
Fakkeenyota
Man'ee qeenxee fili,achiin Dhangii - Man'eelee - Handaarawwan filadhu.
Sarara baay'ee haphii akka handaara gadiitti qindeessuuf qarree jalaa cuqaasi.Sararootni biroo hundi man'ee irraa balleeffamu.
Haalata sararaa furdaa filiitii qarree jalaa cuqaasi.Kun sarara furdaa akka handaara furdaatti qindeessa.
Handaarawwan afran hunda qindeessuuf sajoo Durtii lammaffaa bitaa irraa cuqaasi.Achiin qarree jalaa hanga sararri adii mul'atutti deddeebisiitii cuqaasi.Kun handaara jalaa balleessa.
Gosootaa fi haalata sararaa baay'ee walitti makuu dandeessa.Fakkiin dhumaa akkaataa handaarawwan alaa itti yabbiftu agarsiisu(sararoota gugurraacha yabbuu),sararootni shaffaxaa man'ee keessaa kamiyyuu immoo hin tuqamani(sararoota daalachoo)