CreateUnoListener Function

Gatii yeroo dhaggeeffataaf uuma.

Walquunnamawwan Uno baay'een walquunnama dhaggeeffataa addaa irratti dhaggeeffataa akka galmeessituuf si fayyada. Kunimmoo akka ati mudata addaa dhaggeeffattuu fi tooftaa dhaggeeffataa sirrii akka waamtu siif eeyyama. Faankishiniin CreateUnoListener walquunnama dhaggeeffataa waamame eegeeti wanta walquunnamni kun deeggaru gara walquunnamaatti dabarsa. Wanti kun kana booda dhaggeeffataa galmeessuuf gara tooftaatti ni darba.

caasimaa:

oListener = CreateUnoListener( Prefixname, ListenerInterfaceName )

Fakkeenya:

Fakkeenyi armaan gadii mankitaaba wantaa isa bu'uraa irratti hundaa'a.

Dim oListener

oListener = CreateUnoListener( "ContListener_","com.sun.star.container.XContainerListener" )

Tooftaan CreateUnoListener ulaagaalee lama barbaada. Inni jalqabaa huddeelsoo dhaa fi kunis bal'inaan kan jalatti ibsame dha. ulaagaan inni lammaffaan maqaa gahaa walquunnama dhaggeeffataa kan itti fayyadamuu barbaaddu dha.

Dhaggeffataan gara tamsaasa wantaatti dirqama ida'amuu qaba.Kuni kan godhamu tooftaa sirrii kan dhaggeeffataa ida'u waamuudhaani. Tooftaan kun yeroo mara sirna "addFooListener" hordofa, "Foo" n akaakuu walquunnama dhaggeeffataa, 'X' malee dha. Fakkeenya kana keessatti, tooftaan addContainerListener 'iin XContainerListener galmeessuuf ni waamama:

Dim oLib

oLib = BasicLibraries.Library1 ' Mankitaabaa jiraachuu qaba!

oLib.addContainerListener( oListener ) ' Dhaggeeffataa galmeessi

Dhaggeeffataan galmaa'eera. Yommuu mudatni dhalate, dhaggeeffataa walgitaan tooftaa sirrii walquunnama com.sun.star.container.XContainerListener irraa ni waama.

Huddeelsoon Dhaggeeffattoota galmaa'an Basic-subroutines irraa waama. Sirni bu'uraa sa'aa-darbee Basic-subroutines yookiin faankishinoota maqaa "PrefixListenerMethode" qaban barbaaduu fi yommuu isaan argaman waamuu dha, gama biraatiin dogoggorri sa'aa-darbee ni dhalata.

Fakkeenya kana keessatti, Walquunnama-Dhaggeeffataa tooftaalee armaan gadiitti fayyadama:

Fakkeenya kana keessatti, huddeelsoon ContListener_ dha. Kanaafuu, oliin adeemsaa dirqama Basic keessatti raawwatamuu qabu:

Akaakuun caasaa mudataa kan odeeffannoo waa'ee mudataa of keessaa qabu akaakuu dhaggeeffataa kamiifuu ni jiraata. yommuu tooftaa dhaggeeffataan yaamame, gatiin mudata kanaa gara tooftaatti akka ulaagaatti darba.Haga ulaagaa sirriin beeksisa Sub keessa darbetti, bu'urri tooftaa dhaggeeffataa mudata wantootaas waamuu ni danda'a. Fakkeenyaaf:

Sub ContListener_disposing( oEvent )

    MsgBox "disposing"

    MsgBox oEvent.Dbg_Properties

End Sub

 

Sub ContListener_elementInserted( oEvent )

    MsgBox "elementInserted"

    MsgBox oEvent.Dbg_Properties

End Sub

 

Sub ContListener_elementRemoved( oEvent )

    MsgBox "elementRemoved"

    MsgBox oEvent.Dbg_Properties

End Sub

 

Sub ContListener_elementReplaced( oEvent )

    MsgBox "elementReplaced"

    MsgBox oEvent.Dbg_Properties

End Sub

Wanta hin tajaajille yoo ta'e ulaagaa mudata wantaa itti dabaluun si hin barbaachisu:

' Raawwii yoo xiqqaate xinnoo gatu

Sub ContListener_disposing

End Sub

Sajoo Ofegannoo

Dogoggorawwan Bu'uuraa sa'aa-darbee dhabamsiisuuf tooftaan dhaggeeffataa yeroo mara dirqama raawwachuu qaba.