Format Function

Lakkoofsa gara diraatti jijjiiree,dhangii ati fayyadamteen lakkoofsicha dhangi'a.

caasimaa:

Format (Number [, Format As String])

Gatii deebii:

Diraa

Ulaagaalee:

Lakkoofsa: Himata lakkofsaa kan gara diraa dhangi'ameetti akka jijjiirramu barbaaddu dha.

Dhangii: Diraa lakkadda dhangii lakkoofsaa adda baasu dha. Yoo Dhangiin dhiifame, Faankishiniin dhangii akka faankishinii Str 'tti tajaajila.

Lakkaddawwan dhangii

Tarreeffamni armaan gadii, lakkaddawwan lakkoofsa dhangi'uuf si fayyadan ibsa.

0: Yoo lakkoofsichi lakqurxa bakka 0 lakkadda dhangii keessatti qabaate,lakqurxichi ni mul'ifama; kanarraa kan hafe zeerootu mul'ifama.

Yoo Lakkoofsi lakqurxa xiqqoo baay'ina zeeroowwan lakkadda dhangii gad ta'an qabaate,(gama kurnyaalee lachuutti), zeeroowwan dursan ykn itti fufan ni mul'ifamu. Yoo lakkoofsichi lakqurxa bitaa footuu kurnyaalee baay'inaan baay'ina zeeroowwanii lakkadda keessaa caale, lakqurxawwan dabalataa osoo hin dhangi'amin mul'ifamu.

Iddoowwan kurnyaalee, baay'ina zeeroowwanii kanneen footuu kurnyaalee lakkadda dhangii keessaatti aananii dhufan irratti hundaa'uun sikfama.

#: Yoo Lakkoofsi lakqurxa bakka iddooqa # lakkadda dhangii keessatti qabaate, lakqurxichi ni mul'ifama. Kanarraa kan hafe, omtiyyuu bakka kanatti hin mul'ifamu.

Mallattoon kun akka 0'tti tajaajila; Yoo lakkofsi arfiilee # lakkadii dhangii keessaa lakqurxawwan lakkoofsicha keessaa caalee,zeeroowwan jalqabaa ykn dhumaa irraan kan hafe hin mul'ifaman.

.: Iddoqni kurnyaalee baay'ina iddoowwan kurnyaalee gara bitaa fi mirgaa footuu kurnyaalee murteessa.

yoo lakkaddi dhangii iddooqa # qofa gara mallattoo kanaatti qabaate, lakkoofsotni 1 gadi ta'an footuu kurnyaalee waliin jalqabu. Zeeroo jalqabaa lakkoofsota eentaa waliin agarsiisuuf, 0 akka iddooqa lakqurxa jalqabaa gara footuu kurnyaaleetti fayyadami.

%: Lakkoofsicha 100'n baaay'isee, mallattoo dhibbantaa(%) kan lakkofsichi haala lakkadda dhangiitiin dhiyaatu galcha.

E- E+ e- e+ : Yoo lakkaddi dhangii xinnaatti bakka qabataa(0 or #) lakqurxa tokko mirga mallattoo E-, E+, e-, ykn e+ qabaate, lakkoofsichi dhangii saayinsaawaatiin ykn eksipooneenshiyaaliitiin dhangi'ama. Lakkoofsi iddooqa lakqurxaa mirga mallattoo, baay'ina lakqurxaa eksipoonantii keessaa beekuuf fayyada.

Eksipoonantiin yoo nagatiivii ta'e, mallattoon hir'isuu eksipoonantii E-, E+, e-, e+ wajjin dursee kallattumaan mul'ata. Eksipoonantichi yoo poozatiivii ta'e,mallattoon ida'uu Eksipoonantiiwwan E+ or e+ qofa dursee mul'ifama.

Yoo lakkaddi dhangii daangessituu kan lakqurxaa bakka qabattootan(0 or #) hammatame of keessaa qabaate, daangessituun kumaatamaa ni mul'ifamu.

Itti fayyadamni tuqaa akka footuu kumaatamaa fi kurnyaalee, qindaa'ina naannoo irratti hundaa'a. Yommuu kallattumaan lakkoofsa lakkadda maddaa Basic keessatti galchitu,Tuqaa akka daangessituu kurnyaaleetti yeroo mara fayyadami. Arfiin dhugaan akka footuu kurnyaaleetti mul'ifame, dhangii lakkoofsaa sirna qindaa'ina keetii irratti hundaa'a.

- + $ ( ) iddoo: Ida'uu (+), Hir'isuu (-), doolaara ($), iddoo, ykn cuftuuwwan kallattumaan lakkadda dhangii keessaatti galfaman akka arfii barreeffamaatti mul'ifamu.

Arfiilee asiitti tarreeffamaniin ala jiran mul'isuuf, arficha haxaarroon(\) dursuu yookiin mallattoo waraabbii(" ") keessatti hammachiisuu qabda.

\ : Haxaarroon lakkadda dhangii keessatti, arfii itti aanu mul'isa.

Arfiiwwan lakkadda dhangii keessaa kunneen hiika addaa qabaatanii yoo haxaarroodhaan(\\) durfaman, arfiiwwan kun akka arfiilee barreeffamaatti mul'ifamu.

Arfiileen Lakkadda dhangii keessatti haxaarroon durfaman akka arfiilee barreeffamaatti akka mul'ataniif; dhangiiwwan arfiilee guyyaa- fi yeroo- (a, c, d, h, m, n, p, q, s, t, w, y, /, :), arfiilee dhangiisuu lakkoofsaa (#, 0, %, E, e, qoodduu, Tuqaa), fi arfiilee dhangii diraa (@, &, <, >, !) fayyadama.

Dhangiiwwan lakkoofsa durmurtaawaa armaan gadiittis fayyadamuu ni dandeessa. "General Number" malee, Lakkaddaawwan dhangii durmurtaawaa marti lakkoofsa akka lakkoofsa kurnyee iddoowwan kurnyee lamaatti deebisu.

Yoo dhangiisuuwwan durmurtaawaatti fayyadamte, maqaan dhangichaa mallattoo waraabbii keessa galuu qaba.

Dhangiisuu durmurtaawaa

Lakkoofsa Dimshaashaa: Lakkoofsotni akka galfamanitti mul'atu.

Maallaqa: Fuuldura lakkoofsichatti mallattoo doolaaraa saagee lakkoofsota nagatiivii cuftuu keessatti barreessa.

Dhaabbataa: Yoo xiqqaate, lakqurxa tokko fuuldura qoodduu kurnyaaleetti mul'isa.

Waltawaa: Lakkoofsota qoodduu kumaatamaa wajjin mul'isa.

Dhibbantaa: Lakkoofsicha 100'n baay'isee,mallattoo dhibbantaa lakkoofsichatti miiltessa.

Saayinsaawaa: Lakkoofsota bifa saayinsaawaatiin mul'isa (Fakkeenyaaf 1.00E+03 bakka 1000)

Lakkaddaan dhangiisuu kutaa sadi kanneen buufata xiqqaadhaan addaan bahanitti qoodamuu danda'a. Kutaan duraa dhangiisuu gatiiwwan poozatiivii, inni lammataan dhangiisuu gatiiwwan nagatiivii fi inni sadaffaan Zeeroodhaafi. Yoo lakkaddaa dhangiisuu tokko qofaa ibsite, lakkoofsota hundaaf raawwachuu ni danda'a.

You can set the locale used for controlling the formatting numbers, dates and currencies in LibreOffice Basic in - Language Settings - Languages. In Basic format codes, the decimal point (.) is always used as placeholder for the decimal separator defined in your locale and will be replaced by the corresponding character.

Haala walfakaatuun qindaa`ina gitoo biyyaa guyyaa, sa`atii fi sharafa dhangiiwwan irratis ni raawata. Bu`uuri dhangii Lakkadda akkaataa qindaa`ina gitoo biyyaatiin ni hiikama akasumas ni argisiifama.

Error codes:

5 Ejjatoo fashalaan waamu

Fakkeenya:

Sub ExampleFormat

    MsgBox Format(6328.2, "##,##0.00")

    Yommuu ati lakkoofsa madda lakkadda bu'uuraa keessatti galchite, REM yeroo mara, yeroo akka daangessituu kurnyeetti fayyadama.

    Fakkeenyaaf, REM gitoo ingiliziitiin 6,328.20 yoo agarsiisu,gitoo biyya jarmaniitiin ammoo 6.328,20 agarsiisa.

End Sub