Comparison Operators

Qooyyabootni walmadaallii himata lama walmadaalchisu. Bu'aan isaa akka himata Boolean kan walmadaalliin True (-1) ykn False (0) ta'e murteessee deebisa.

caasimaa:

Result = Expression1 { = | < | > | <= | >= } Expression2

Ulaagaalee:

Bu'aa: Himata Boolean kanneen bu'aa walmadaallii(True, or False) ibsu dha.

Himata1, Himata2: Gatiiwwan lakkoofsaa ykn diraawwan kamiyyuu kanneea walmadaalchisuu barbaaddu dha.

Qooyyaboota walmadaallii

= : Walqixa

< : Irra xiqqaa

> : Irra guddaa

<= : Irra xiqqaa ykn walqixa

>= : Irra guddaa ykn walqixa

<> : Walqixa miti

Fakkeenya:

Sub ExampleUnequal

Dim sFile As String

DIM sRoot As String REM ' Galeeloo karaa faayila galchuu fi baasuu

    sRoot = "c:\"

    sFile = Dir$( sRoot ,22)

    If sFile <> "" Then

        Do

            MsgBox sFile

            sFile = Dir$

        Loop Until sFile = ""

    End If

End Sub