ReDim Statement

Jijjiiramaa ykn waraantoo labsuu.

caasimaa:

[ReDim]Dim VarName [(start To end)] [As VarType][, VarName2 [(start To end)] [As VarType][,...]]

akka dirqaleetti, Qusachuu jefuraa akka ulaagatti ida'uu dandeessa wanta waraantoo irra deebi'ame rogeeffame of keessa qabu qusachuuf.

Ulaagaalee:

VarName: Maqaa jijjiiramaa ykn waraantoo kamuu.

Start, End: Gatiin lakkoofsaa ykn seranaa kan lakkofsa miseensota(NumberElements=(end-start)+1) fi hangii kasaa ifteessan.

Yoo RemDim sadarkaa adeemsarratti fayyade Start fi End himannoowwan lakkoofsaa ta'uu danda'u.

VarType: Jefuraan kan akaakuu deetaa jijjiiramaa labsu.

Jefuraa: Akaakuu jijjiiramaa

Bool: Jijjiiramaa Buuliyaanii(Dhugaa, Soba)

Guyyaa: Jijjiirama guyyaa

Dachaa: Jijjiiramaa qabxii bololiyaa dachaa(1.79769313486232x10E308 - 4.94065645841247x10E-324)

Itergaa: Jijjiirama Itergaa (-32768 - 32767)

Dheeraa: Jijjiirama itergaa dheeraa (-2,147,483,648 - 2,147,483,647)

Wanta: Jijjiirama wantaa (hubachiisa: Jijjiiramaan kun tuuta waliin qofa tartiiban ifteeffamuu danda'a!)

[Single]: Jijjiiramaa qabxii bololiyaa baaqqee(3.402823x10E38 - 1.401298x10E-45). Yoo jefuraan ifteeffame,jijjiiramaan akka baaqqetti qindeeffama,yoo himni DefVar dhaa hanga DefVar hin fayyadamne.

Diraa: Jijjiiramaa diraan arfoota ASCII olaantoo 64,000 of keessaa qaba.

Addaba'aa: Akaakuu jijjiiramaa addaba'aa (akaakuu hunda of keessatti qabachuu danda'uu fi hiikkoon qindaa'uu).

LibreOffice Basic keessatti, jijjiiramtoota ifaan labsuun si barbaachisu. Haa ta'u malee, waraantoo fayyadamuun dura labsuu si barbaachisa. Jijjiiramaa hima Dim wajjiin labsuu dandeessa, labsoota baay'ee addan baasuuf qoodduu fayyadamuu. Akaakuu jijjiiramaa labsuuf, arfii akaakuu labsii maqaa duuka bu'utti galchi ykn jefuraa walitti dhufoo fayyadami.

LibreOffice Basic waraantoo rog-baaqqee ykn danuu kan akaakuu jijjiiramaan ifteefame gargaara. Yoo sagantaan tarree ykn gabatee gulaaluu barbaaddu qabaate waraantoon mijaawadha. Bu'aan waraantoo miseensota tokkoo tokkoo akkaataa kasootatti furuu danda'uu, kan akka himannoo ykn jijjiiramaa lakkoofsaatti ashakame.

Hangii kasaawwan Waraantoo hima Dim wajjin lallabame qindeessuuf, tooftaalee lamatu jiru:

DIM text(20) As String REM miseensota 21, 0 hanga 20 tti lakkaawwame

DIM text(5 to 25) As String REM miseensota 21, 5 hanga 25 tti lakkaawwame

DIM text$(-15 to 5) As String REM miseensota 21 (0 Dabalatee),

rem lak -15 hanga 5

Yoo dirreewwan jijjiiramaa , akaakuu malee, ReDim dhaan bakka sadarkaa adeemsaa karqurxa ykn faankishinoota keessatti rogni baafameef, dirreewwan kun kamaatii taasifamuu ni danda'u. Hangii waraantoo al tokko qofaa qindeessuu kan dandeessu yoo ta'u,kana boodas fooyyessuu kan hin dandeenye dha. Adeemsa keessatti, hima ReDim himatawwan lakkoofsaa wajjin hammamtaa dirreewwanii hiikuuf , waraantoo lallabuu ni dandeessa.

Fakkeenya:

Sub ExampleRedim

Dim iVar() As Integer, iCount As Integer

ReDim iVar(5) As Integer

For iCount = 1 To 5

    iVar(iCount) = iCount

Next iCount

ReDim iVar(10) As Integer

For iCount = 1 To 10

    iVar(iCount) = iCount

Next iCount

End Sub