Dim Statement

Jijjiiramaa ykn waraantoo labsuu.

Yoo jijjiiramoonii qoodduudhaan adda bahu ta'ee (fakkeenyaaf, DIM sPar1, sPar2, sPar3 AS STRING), jijjiiramoota haaroman qofatu murtaawa. Tokkoon tokkoon jijjiiramaatiif sarara murtaawoo addabaassaa fayyadami.

Dim sPar1 As String

Dim sPar2 As String

Dim sPar3 As String

Dim declares local variables within subroutines. Global variables are declared with the PUBLIC or the PRIVATE statement.

caasimaa:

[ReDim]Dim VarName [(start To end)] [As VarType][, VarName2 [(start To end)] [As VarType][,...]]

Ulaagaalee:

VarName: Maqaa jijjiiramaa ykn waraantoo kamuu.

Start, End: Gatiin lakkoofsaa ykn seranaa kan lakkofsa miseensota(NumberElements=(end-start)+1) fi hangii kasaa ifteessan.

Yoo RemDim sadarkaa adeemsarratti dalagame Start fi End himannoowwan lakkoofsaa ta'uu danda'u.

VarType: Jefuraan kan akaakuu deetaa jijjiiramaa labsu.

Jefuraa: Akaakuu jijjiiramaa

Bool: Jijjiiramaa Buuliyaanii(Dhugaa, Soba)

Mahaallaqa: Jijjiiramaa mahaallaqaa (Mahaallaqa hanga bakka kurniyee 4)

Guyyaa: Jijjiirama guyyaa

Dachaa: Jijjiiramaa sirrummaa-dachaa tuqaa bololi'aa variable (1,79769313486232 x 10E308 - 4,94065645841247 x 10E-324)

Itergaa: Jijjiirama Itergaa (-32768 - 32767)

Dheeraa: Jijjiirama itergaa dheeraa (-2.147.483.648 - 2.147.483.647)

Wanta: Jijjiirama wantaa (hubachiisa: Jijjiiramaan kun tuuta waliin qofa tartiiban ifteeffamuu danda'a!)

Baxxee: Jijjiiramaa sirrummaa-baxxee tuqaa bololi'aa variable (3,402823 x 10E38 - 1,401298 x 10E-45).

Diraa: Jijjiiramaa diraan arfoota ASCII alaantoo 64,000 of keessaa qaba.

[Variant]: Akaakuu jijjiiramaa addaba'aa(akaakuu hunda hiikkoon ifteefame of keessaa qaba).

LibreOffice Basic keessatti, jijjiiramtoota ifaan labsuun si barbaachisu. Haa ta'u malee, waraantoo fayyadamuun dura labsuu si barbaachisa. Jijjiiramaa hima Dim wajjiin labsuu dandeessa, labsoota baay'ee addan baasuuf qoodduu fayyadamuu. Akaakuu jijjiiramaa labsuuf, arfii akaakuu labsii maqaa duuka bu'utti galchi ykn jefuraa walitti dhufoo fayyadami.

LibreOffice Basic waraantoo rog-baaqqee ykn danuu kan akaakuu jijjiiramaan ifteefame gargaara. Yoo sagantaan tarree ykn gabatee gulaaluu barbaaddu qabaate waraantoon mijaawadha. Bu'aan waraantoo miseensota tokkoo tokkoo akkaataa kasootatti furuu danda'uu, kan akka himannoo ykn jijjiiramaa lakkoofsaatti ashakame.

Waraantoon hima Dim waliin labsama. Hangii kasaa tooftaa laman ifteeffama.

DIM text(20) as String REM 21 elements numbered from 0 to 20

DIM text(5 to 25) as String REM 21 elements numbered from 5 to 25

DIM text(-15 to 5) as String REM 21 elements (including 0)

REM numbered from -15 to 5

Dirree deetaa rog-lamee

DIM text(20,2) as String REM 63 elements; form 0 to 20 level 1, from 0 to 20 level 2 and from 0 to 20 level 3.

Yoo himni ReDim lakkoofsa rogootaa sagantaa xiqqaa ykn faankshinii waraantoo qabu keessatti qindeesse, akaakuu waraantoo akka kamaatiitti labsuu dandeessa.Walumaa galatti, waraantoo rogaa altokkoo qofa qindeessuu dandeessa,haarumsuu hin dandeessu. Sagantaa xiqqaa keessaatti, waraantoo ReDim wajjin labsuu dandeessa. Roga himannoowwan lakkoofsaa wajjin qofa ifteessuu dandeessa. Kun dirree hamma guddachuu barbaachisu qofa dhugoomsuuf.

Fakkeenya:

Sub ExampleDim1

Dim sVar As String

Dim iVar As Integer

    sVar = "Office"

End Sub

 

Sub ExampleDim2

Dirree deetaa rog-lamee

Dim stext(20,2) As String

Const sDim as String = " Dimension:"

For i = 0 To 20

    For ii = 0 To 2

        stext(i,ii) = str(i) & sDim & str(ii)

    Next ii

Next i

For i = 0 To 20

    For ii = 0 To 2

        MsgBox stext(i,ii)

    Next ii

Next i

End Sub