TimeValue Function

Eenyummaa gatii yeroo kannen kennaman irraa sa'aa, Daqiiqaa fi sekondii ulaagaleetti akka diraanitti darban kanneen yeroo gatii numeerikii qeenxee keessa jiru ibsan.Gatiin kun addadummaa yeroowwan giddu jiru ibsa.

caasimaa:

Gatii yeroo(Barruu akka diraaniitti)

Gatii deebii:

Guyyaa

Ulaagaalee:

Text: Himamsi diraanii kamiyyuu kan ati ittiin yeroo shallaguu barbaadde haala kanaan "HH:MM:SS" ta'a.

Faankishinii gatii yeroo fayyadami gatii qeenxee kamiyyuu jijjiiruuf,kanaafuu addadummaa yeroo shallaguu dandeessa.

Faankishiniin gatii yeroo kun gosa gegeedaraa VarType 7 waliin(Guyyaa) fi gatii kana akka sireenya mirree keessaatti gidduu 0 fi 0.9999999999 cimmisi.

Akkuma fankishiniin guyyaa enyummaa fi gatii eenyumaatiin wal falleesse ,yommuu eenyumman gatii guyyaatti guyyaa murtaa'een walitti dhufu,gatii faankishinii gatii yeroo waliin shallaguu ni dandeessa garuu qorachuu hin dandeessu.

Faankishinii yeroo eenyummaa keessatti,ulaagalee garaagaraa dabarsuu dandeessa (Sa'aa, Daqiiqaa, Sekoondii) akka himamsa numeerika garaagaraatti. Fankishinii gatii yerootiif,haata'u malee, diran ulaagalee yeroo of keessatti qabatan dabarsuu dandeessa.

Error codes:

5 Ejjatoo fashalaan waamu

13 Akaakuu wal hin madaale

Fakkeenya:

Sub ExampleTimerValue

Dim daDT As Date

Dim a1, b1, c1, a2, b2, c2 As String

    a1 = "start time"

    b1 = "end time"

    c1 = "total time"

    a2 = "8:34"

    b2 = "18:12"

    daDT = TimeValue(b2) - TimeValue(a2)

    c2 = a1 & ": " & a2 & chr(13)

    c2 = c2 & b1 & ": " & b2 & chr(13)

    c2 = c2 & c1 & ": " & trim(Str(Hour(daDT))) & ":" & trim(Str(Minute(daDT))) & ":" & trim(Str(Second(daDT)))

    MsgBox c2

End Sub