DateDiff Function

Lakkoofsa guyyaa intervaalii guyyaa lamaan kennaman gidduu jiru deebisi.

caasimaa:

DateDiff (Add, Date1, Date2 [, Week_start [, Year_start]])

Gatii deebii:

Lakkoofsi

Ulaagaalee:

Ida'i - Gabatee armaan gadii irraa himamsi diraani,intervaalii guyyaati ibsa.

Ida'i(gatii diraa)

Ibsa

yyyy

Waggaa

q

Kumaana

m

Ji'a

y

Guyyaa Waggaa

w

Guyyaa Torbee

ww

Torbee Waggaa

d

Guyyaa

h

Sa'aa

n

Daqiiqaa

s

Sekandii


Date1, Date2 - Guyyoota lamaan waliin dorgomsiisuu.

Week_start - Ulaagaalee filannoo jalaqaba guyyota torbee ibsan.

Gatii Week_start

Ibsa

0

Gatii sirna Durtii fayyadami

1

Dilbata(Duurtii)

2

Wixata

3

Kibxata

4

Roobii

5

Kamisa

6

Jimaata

7

Sanbata


Year_start - Ulaagaalee filannoo jalaqaba torbee waggaa ibsan.

Gatii Year_start

Ibsa

0

Gatii sirna Durtii fayyadami

1

Torbeen 1 torbee Amajjii waliin, 1st(durtii)

2

Torbeen 1 torbee tokkoffaa guyyoota bara sanaa afur ykn isaa ol kan of keessaa qabu

3

Torbeen 1 torbee tokkoffaa guyyoota waggaa haraa qofa of keessaa qabu


Fakkeenya:

Sub example_datediff

    MsgBox DateDiff("d", "1/1/2005", "12/31/2005")

End Sub