Guulaalaa Qaaqaa keessatti Too'annaawwan hiikuu

Qaaqalee biyyoomsamuu danda`an dandeessisuu fi too`achuuf kamshaan qaaqa bu`uura gulaalaa IDE keessaa too`annaa agarsiisa.

Durtiidhaan, qaaqan kamiyyuu afaan tokkoof kan ati uumte maddoota diraa qofa ofkeessatti qabata. Tarii qaaqalee akkaataa qindaa`inoota afaan itti gargaaramaatiin ofummaan diraa biyyooman agarsiisu umuu ni barbaada.

Qaaqoota biyyoomsuu dandeessisuudhaaf

  1. Gulaalaa qaaqaa IDA Basic keessatti, Mul'annoo - Kamshaalee - Afaan filachuun kamshaa Afaanicha bani.

    Yoo kuusaan ammaa duraanuu qaaqa biyyoomsaa of keessaa qabaatan, kamshaan Afaanichaa ofumaan mul'ata.

  2. Click the Manage Languages iconManage Language icon on the Language toolbar or on the Toolbox bar.

    Qaaqa Afaan Walquunnama Fayyadamaa Taliigaa agarta. Kabala mataduree irratti maqaa kuusaa ammaatu agarsiifama.

  3. Galfata afaan tokko ida'uuf, qaaqicha keessaa Ida'i cuqaasi.

    Ejjatoon kun qaaqoonii haaraa marii akka qabeenyoota diraa biyyoomsaa of keessaa qabaatan dandeessisa.

  4. Yeroo jalqabaatiif yammuu Ida'i cuqaastuu, Qaaqa Afaan Walquunnama Fayyadamaa Durtii Qindeessi agarta. Itti deebitee yeroo Ida'i cuqaastu, qaaqi kun akka maqaa Afaan Walquunnama Fayyadamaa Ida'i qabu agarta.

    Qaaqa Afaan Walquunnama Fayyadamaa Taliigaa keessatti, akkasuma afaan durtii jijjiiruu nidandeessa.

  5. Afaan tokko fili.

    Kun diraalee fooyya`aa hundaa hiikamee amaloota qaaqaf ofkeessatti qabachuuf maddoota diraa dabala. Tuutni diraalee qaaqa afaan durtii tuuta diraalee haaraatti garagalchama. Booda, afaan haaraatti jijjiirruu fi diraawwan hiikuu ni dandeessa.

  6. Qaaqicha cufi ykn afaanoota dabalataa ida'i.

Qaaqa kee keessatti too'annaawwan biyyoomsaa gulaaluuf

Qaaqalee kee keessa takkaa diraawwan biyyoommuu danda`anniif maddoota iddoo dabaltee booda, sanduuqa tarree afaanii ammee kamshaa afaanii irraa filuu dandeessa.

  1. Akka afaan durtii agarsiisuuf, saanduqa tarree Afaan Ammaa jijjiira.

  2. Qaaqa keetti too'annaawwan lakkoofsa kamiyuu saagiitii, diraawwan barbaaddu mara galchi.

  3. saanduqa tarree Afaan Ammaa keessaa afaan kabiroo fili.

  4. Qaaqoota amalaa too'annootaa fayyadamuudhaan, diraawwan afaan kabiroo mara gulaali.

  5. Isa ida'ate kanaa afaanoota maraaf irradeebi'i.

Yommuu diraawwan afaan keessaa mijeessaman hojjete, itti gargaaramaan qaaqa fooyya`aa LibreOffice kan itti gargaaramaa walqunnama diraa afaan itti gargaaramaa ilaaluu dandeessa.

Yoo afaanii kamiyuu, fooyya'aa fayyadamaan wal hinsimuu tahe, fayyadamaan diraawwan afaan durtii arga.

Yoo fayyadamaan qaaqoota Basictiif fooyya'aa moofaa kan LibreOffice isa qabeenya diraa biyyoomsuu hin beeknee qaba tahe, fayyadamaan diraawwan afaan durtii arga.